(Macaafa Faarfannaa 23 )
1 Waaqayyo tiksee koo ti, ani homaa hin dhabu!
2 Inni marga lalisaa keessa akkan boqodhu in godha, gara laga itti aara galfataniittis na geessa;
3 inni lubbuu anatti in deebisa, maqaa isaatiif jedhee daandii qajeelaa irra na geggeessa.
4 Ani bowwaa dukkanaa'aa sodaachisaa keessa yoon adeeme iyyuu, hamaan anatti dhufa jedhee hin sodaadhu; ati anaa wajjin jirta, uleen keetii fi dhaabbanni kee ana in jajjabeessu.
5 Utuma warri na cunqursan ilaalanii, ati maaddii anaaf in dhi'eessita mataa koos dhadhaa ejersaa in dibda, xoofoon koos guutee irra in dhangala'a;
6 eyyee, bara jireenya koo hundumaatti gaarummaan kee fi arjummaan kee ana duukaa in bu'u; guyyoota kana hundumaafis mana Waaqayyoo keessa nan jiraadha.
"Yesuusin Filannoo kee Isa Jalqabaa Godhadhu! "
TELEGRAM: t.me/tiksee_Dhugaa
YOUTUBE: youtube.com/channel/UCLQj2CBgph5BXc8n9A1RIbA
FACEBOOK: www.facebook.com/WaaqayyooTK